Har’arraa Beekkadhu !Walaloogabaabduu ,usmaan Baayyuutiin

Gootitti oromoo
Sanyii Bakar Waaree
Nuti hin jilbiiffannu
Gantootaf har’alle
Warra hooda hin beekne
Qanbaraa baadhattee
Maali natti as’ deemta
Onnee koo wallaaltee?
Hudheen sirraa hiika
Hidhannoo kee guutuu
Edaa ati nu hin beektu
Goottan murtii guutoo!

Dubartii ta’un koo
Qalbiin si tuffattee
Doorsistee na reebuuf
Humna kee abdattee
Nuti akkasii mitii
Yaa doofaa nu barii
Jagnoota nu dhalee
Goottaan akka Aslii
Kan Juukii Baarentu
Waan Raggaatuu Roobaa
Boojineetiin gallee
Diina naqne boolla
Anis jara sanii
Tolchii akeekkadhu
Oromoo hin tuqinii
Har’arraa beekkadhu!
======
Waloon: Usman Bayu

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s